Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Seenaa

Seenaa Gabaabaa Gooticha Oromoo Jaal Laggasaa Wagii Meettaa

 

Jaal Lagaasaa Wagii abbaa isaanii obbo Wagii Meettaa fi haadha isaanii adde Buzunash Ayyaanaa irraa bara 1960, Godina Lixa Shawaa, konyaa Mannaa, Aanaa Shinoo Meettaa Robii, ganda Kuyyuu Giccii jedhamtuu keessatti dhalate.

Jaal Lagaasaa Wagii umriin isaa barmootaaf yeroo gahu, mana baruumsa sadarkaa tokkoffaa Bakkamee jedhamutti kutaa 1-4 barate. Barmoota isaa kutaa 5-8 ammoo mana barumsaa Hincinniitti barate. Sana booda gara Finfinneetti deemuun barumsa isaa itti fufuun kutaa 10-11 magaluuma Finfinneeti barate.

Jaal Laggasaa Wagii erga barumsa isaa haga kutaa 11-tti baratee booda barmoota akkaadaamii dhiisee baruumsa Makaanikummaa fi Konkolaataaa oofu bara 1975 keessa barateera. Oguummaa isaa kananiis hojiilee adda addaa irraatti bobbahuun hojjaachaa ture. Jaal Laggasaa Wagii hojii daldalaa irratti bobbahuun magaala Dirree Dhawaa keessatti waggaa torbaaf kan jiraachaa ture yeroo tahu, hojiidhuma daldalaa kanaaf meeshaa daldalaa adda addaa fe’achuun gara Dhiha Oromiyaa deemuun daldala itti fufe.

Jaal Laggasaa Wagii obbolaa shan kan qabu yeroo tahu,Waxbajjii 27 bara 1987 haadha manaa isaa aadde Waynisheet Geetaahuun fuudhe. Hadha Manaa isaa kana irraa ijjoollee durbaa sadii (3) kana maqaan isaanii Bilisummaa Laggasaa, Fireehiwat Laggasaa fi Natsaannat Laggasaa jedhaman godhate.

Jaal Laggasaa Wagii jaalalaa fi fedhii guddaa ummata isaaf qaba. Akkasumas
hacuuccaan ummata isaa irra gahu boqonnaa waan isa dhorkeef bara 1990 maatii isaa jaallatu dhiisee Dhiha Oromiyaa deemun QBO hogganummaa ABOtiin gaggeeffamutti makame. Bara 1991 barumsa siyaasaa fi leenjjii waraanaa marsaa 18ffaa gahummaan xumuratee, dirree dhihaatti miseensa ABO ta’e.

Dammaqiinsaa fi hubaannoo Jaal Lagaasa Wagii qabu irratti hundaa’uun dhaaba
keessaatti barumsa dabballummaa bara 1991 bakka Beelmuuguu jedhamuutti barate. Akka baratee baheen dirqama dabballummaan zoonii Begitti ramadame. Zoonii kana keessatti dirqama dabballummaa gahummaan osoo bahaa jiruu mootummaan Dargii kufe. Dhaabni dandeetii fi gahummaa isaa ilaaluu dhaan ona Qaaqeetti dirqama bulchiinsaatti ramade. Bulchaa ona kanaa yeroo turetti kaayyoo ABO ummata hifannaa tokko malee barsiisuun fakkii guddaa ta’uusaatti miseensaa fi ummata biratti jaalala fi kabaja guddaa nama horate dha.

ABOn mootummaa Cehumsaa keessaa akka baheen WBO naannoo jiranitti dabalamuun diina jabinaan lolee lolchiiseera. Falmaa diinaa wajjin godhamuu haga walakkeessa bara 1993 itti fufuun of ijaaruuf humna daangaa Sudaanii fi Itophiyatti bahee waliin ture.

Bara 1994 humna ijaaramee walkeessaa Dhiha Oromiyaatti deebi’e keessaa Jaal Laggasaa Wagii tokko ture. WBOn diinaa wajjin falmaa hadhaawaa itti fufuun bara 1997 keessa oggaa mootummaan Wayyaanee magaalota Sudaan Kurmuk fi Giizan rukuttee qabatte, xurreen dhiheessii akka hin cufamneef humna of duuba daangaatti deebi’ee keessa ture Jaal Laggasaan. Bara 1993-1998 tti sadarkaa miseensuummaa irraa kaasee haga sadarkaa qondaala waraana ol-aanaatti dirqama fudhatee, qabsaawaa dhugaan qabsaa’ee qabsoo gosiise dha.

Bara 1998 keessa miseensota ABO leenjii addaaf biyya ollaatti ergaman keessaa ture. Leenjii isaa xumuratee haga ramadamutti biyya ollaa keessa Oromoota jiran akka ijaaruuf dirqamni itti kennamee ture. Akka kanatti tattaaffii Jaal Laggasaan godheen bara 2000 keessa Oromooti biyya ollaa keessa jiran walitti qabuun Waldaa Hawaasa Oromoo Eritrea ijaaree Qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) irraa qooda akka fudhatan taasisee jira.

Jaal Laggasaa Wagii bakkaa fi haala dirqamni qabsoo isa feete hunda keessatti qooda ol’aanaa nama kennaa turee fi gahumaadhaan dirqama itti kenname hunda nama bahaa ture dha.

Akka kanatti jaal Laggasaa Wagii bara 1998/99 irraa kaase itti aanaa moonaa leenjii WBO waliigala tahe hojjaacha turuu isaa seenaan isaa ni addeessa. Bara 2000 irraa kaase barumsaa fi haaroomsa waraanaa, siyaasaa fi tikaa erga baraate booda ajajaa WBO-Zonnii dhiha Jaal Irreessaa Caalaa jalatti ajajaa bobbaa fi quunnamtii Dhiha Oromiyaa tahuun bara 2002 dirqama dhaabaa fudhatee gara dirree dhihaatti moonaa leenjii waliigala dhaabichaa irraa bobba’e. Sochii seena qabeessaa fi mootummaa Woyyaanee raase WBO bara 2002 baddaalee Dhiha Oromiyaa Qeebbee, Dambi Dolloo, Gidaamii, Begii fi Mandii keessatti tahaa turan irratti akka ajajaa waraanaa fi
siyaasaatti hogganummaa mul’ataa kennee jira. Erga Ajajaan WBO Dhiha Oromiyaa Jaal Irreessaa Caalaa wareegamee boodaa hanga 05/11/2008 wareegametti, ajajaa WBO Dhiha Oromiyaa tahuun falmaa hadhaawaa fi gootummaan guutamee diina waliin tahe hoggana waraanaa fi siyaasaa kennaa ture. Jaal Laggasaan dirqama sadarkaa adda addaatti irra ture hunda keessatti, gootummaan, cichoominaa fi obsaan kan dirqama isa baha ture fi fakkeenya guddaa miseensoota, qondaalotaa fi hoggantoota ABO, qabsahoota fi sabboontota akkasumas ummata Oromoo hundaaf nama tahee dabre dha.

Jaal Laggasaa Wagii, dirqama dhaabaa fudhatee zoonii dhiha keessa waan tureef Kora Sabaa ABO-3ffaa bara 2004 irraa hirmaachuu baatuus bakka inni hin jirreetti miseensa Gumii Sabaa ABO tahuun kan filame. Dirqamaa fi itti gaafatamummaa dachaan itti kenname kanas gahummaa fi of-kenniinsa haga wareegama lubbuu isaati kennu goota qabsoo tahuu isaa mirkaneessee jira.

Jaal Lagasaa Wagii bishina qabu irraa, tooftaa fi mala qabu irraa akkasumas
gootuummaa qabu irraa ummaata Oromoo hunda birraatti kan baay’ee jaallatamuu fi kabajamu dha. Akkasumaas, jaal Laggasaa Wagii diina biratti kan bay’ee sodaatamuu, gootummaa fi abbaa tooftaa fi malaa tahuun isaa diinootni keenya utuu hin jaallatin kan ragaa bahanii dha.

Mootummaan gita bittuu ilmaan Tigraay, (TPLF) Wayyaaneen, yeroo adda addaa humna ishii kumaatamaan lakkaawaman, meeshaa gurguddaa fi humna qileensaa illee osoo hin hafiin duulaa fi sakattaa adda addaa yeroo itti zoonii dhihaa keessatti banaa turtetti, WBO hogganuun, hoggansa cimaa kennuun, lolaa fi lolchiisaa humna diinaa dirree lolaa irraatti kan qaanessee, gootummaa WBO kan mirkaneesaa turan jaal Laggasaa Wagii fi jaallewwaan isa waliin lolaa lolchisaaf diina kuffisanii kufaa kanneen turani dha.

Mammaksi Oromoo “Namni gaafuma dhalate du’e” jedha. Gootni maraa tokko
duwwaa du’a, dabeessii garuu lamaa fi sanaa oli du’a. Ammoo lubbuun dhugaa fi
haqaaf jedhamee bahu, akkasumas lubbuun qabsoo saba ofii fi kabaja ummata ofiif jedhamee kafalamu kan seenaan barabraan yaadatamu dha. Wareegamni lubbuu qaali taate, mirga sabaa fi biyya ofiif jedhamee kafalaamu wareegama akka gaaraa ulfatuu, kan seenaan yaadataa hafuu dha. Mirgi saba ofii akka kabajamuu fi abbaan biyyummaa ummata Oromoo akka mirkanaahu taasisuuf waan hunda caalaa gootummaan murteessa dha. Sadarkaan gootummaa inni dhumaas wareegama lubbuu ofii mirga sabaa fi biyya ofiitif jedhamee kaffalamuu dha.

Jaal Laggasaanis, waregama qaalii taate kana kennuun kabajamuu mirga saba isaatii fi abba biyyuummaa Oromoof gootaa of kenne waan taheef seenaan isaa hogayyuu barabaraan kan yaadatamuu taha. J/Lagasaan dirqama sabummaa isaa kana beela'e, dheebodhe, dadhabe, gaara bahuu, daggala cabsuu fi hifadhe osoo hin jenne baddaa fi gammoojjii keessatti rooba, qorraa fi aduu osoo hin jenne rakkinoota qabsoo hadhaawoo hundaa kana danda’uun waggootii kana hunda kayyoo kabajamaa kanaaf qooda ol aanaa kennaa turuun ammoo seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti bakka olaanaa akka qabaatu isa taasisa. Qabsaawota bilisummaaf fakkii guddaa tahee jira.

Dhiigni jaal Laggasaa dhangala’e, dhiiga akkanumaan lafatti dhangala’ee hafee fi hafu osoo hin taane, dhiiga bilisummaa saba keenyaa dhiheessuu fi umurii diinaa kan gabaabsu waan taheef Oromoota biratti kabajaa fi fakkii guddaan ilaalama. Gumaan isaa qabsaahota haqaa, qabsoo bilisummaa saba isaaniif falmaaniin kan baafamu fi akeekii fi kayyoon Jaal Laggasaa Wagii falmaafii ture galmaan gahuun kan mirkanaawu akka tahu mamiin tokko illee hin jiru.

Jecha Maammo Mazammir “ Qabsaawaan Kufus Qabsoon Itti Fufa "

Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net